Jireenya Hafuura Keessatti! — Guutummaa Kiristoos Muuxachuu

Jireenya Hafuura Keessatti!

Dabalata 1: Hafuura fi hafuura Adda Baasuu

Shaakala #1: Hafuura fi hafuura Adda Baasuu

Afaanota Kitaabni Qulqulluun jalqaba ittiin barreeffame keessatti qubee gurguddaa fi qubee xinnaa adda baasuun hin turre. Egaa hiiktonni yeroo kamiin Hafuura Qulqulluu agarsiisuuf “H” guddaa, yeroo kamiin immoo hafuura agarsiisuuf “h” xinnaa fayyadamuu akka qaban akkamitti beeku? Naannoo dubbichaa irraa qofa. Hiiktonni “H” guddaa fayyadamuu qabaachuu fi dhiisuu isaa adda baasuuf maal akka isaan mudatu caalaatti akka hubannuuf, kutaalee armaan gadii keessatti jecha hafuura jedhu bakka hundatti “h” xinnaadhaan kaaʼeera.

Shaakala #1: Bakka jechi “hafuura” jedhu Hafuura Qulqulluu agarsiisutti marsaa itti godhaa; bakka “h” xinnaan sirriitti barreeffame immoo jala sararaa.

Hubachiisa: Hiikkaa Afaan Oromoo filatame keessatti kutaaleen tokko tokko yaada sana jecha biraatiin ibsu; kanaaf jechi “hafuura” jedhu kutaalee muraasa keessatti hin mulʼatu.

Uumama 1:2—Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; hafuurri Waaqaas bishaan irra sosochoʼa ture.
1 Saamuʼel 16:15—Tajaajiltoonni Saaʼol akkana isaan jedhan; “Kunoo hafuurri hamaan Waaqa biraa ergamee si dhiphisaa jira.
1 Saamuʼel 30:12—Akkasumas bixxillee harbuu cabaa tokkoo fi bixxillee ija wayinii lama kennaniif. Innis nyaatee lubbuun itti deebite; inni guyyaa sadii fi halkan sadii homaa hin nyaanne, bishaanis hin dhugne tureetii.
Faarfannaa 143:10—Ati sababii Waaqa koo taateef, akka ani fedhii kee guutu na barsiisi; hafuurri kee gaariin sun karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.
Maatewos 12:43—“hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa keessa joora; garuu hin argatu.
1 Qorontos 6:17—Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.

Fakkeenyota dabalataa

Uumama 41:38—Faraʼoonis, “Nama akka namicha kanaa kan hafuurri Waaqaa keessa jiru argachuu dandeenyaa ree?” jedhee isaan gaafate.
Lakkoobsa 5:14—yoo dhirsa ishee hafuurri hinaaffaa qabatee inni niitii isaa shakke, yoo isheen xurooftuu taate yookaan yoo inni hinaafee ishee shakkee isheen xurooftuu hin taʼin,
Abbootii Murtii 14:6—hafuurri Waaqayyoos jabinaan Saamsoon irra buʼe; innis homaa of harkaa qabaachuu baatu illee akkuma nama ilmoo reʼee tokko cicciruutti leenca saafela sana ciccire. Garuu waan hojjete sana abbaa fi haadha isaatti hin himne.
1 Saamuʼel 16:15—Tajaajiltoonni Saaʼol akkana isaan jedhan; “Kunoo hafuurri hamaan Waaqa biraa ergamee si dhiphisaa jira.
Faarfannaa 143:4—Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera; onneen koos na keessatti rifatteerti.
Fakkeenya 25:28—Namni of hin qabne, akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti.
Isaayyaas 11:2—hafuurri Waaqayyoo, hafuurri ogummaatii fi hubannaa, hafuurri gorsaatii fi humnaa, hafuurri beekumsaatii fi kan Waaqayyoon sodaachuu isa irra qubata;
Hisqiʼel 36:27—Akka isin dambii koo duukaa buutanii fi seera koo sirriitti eegdaniif ani hafuura koo isin keessa nan kaaʼa.
Maatewos 22:43—Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoos Daawit akkamitti hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ isaan jedha ree? Inni akkana jedhaatii:
Yohannis 3:5–6—Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu. Kan foon irraa dhalate foon; kan hafuura irraa dhalate garuu hafuura.
Roomaa 8:2—seerri hafuura jireenyaa karaa Kiristoos Yesuusiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii.
Roomaa 8:14—Warri hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii.
1 Qorontos 2:12—Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne.
Galaatiyaa 3:2–3—Ani waan tokko qofa isin irraa barachuu nan barbaada: Isin seera eeguun moo waan dhageessan amanuun hafuura Qulqulluu argattan? Isin akkas gowwaadhaa? hafuura Qulqulluudhaan jalqabdanii amma immoo fooniin fixxuu ree?
Efesoon 2:22—Isinis isumaan mana Waaqni hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii tokkummaadhaan ijaaramaa jirtu.
Filiphisiyus 4:5—Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiʼoo jira.
1 Tasalonqee 5:23—Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman.
1 Yohannis 4:1—Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru.

Gaaffii

Jechi hafuura jedhu yeroo kamiin “H” guddaadhaan, yeroo kamiin immoo “h” xinnaadhaan barreeffamuu akka qabu murteessuun salphaa yookaan rakkisaa kan godhu maali?

Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu: yoo kan biraa jedhamee hin ibsamne, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa irraa fudhatamaniiru. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Caqasawwan kun eeyyama Creative Commons Attribution-ShareAlike 4.0 International jalatti fayyadama irra oolaniiru.