Jireenya Hafuura Keessatti! — Guutummaa Kiristoos Muuxachuu

Boqonnaa 5: Mirkaneessa Hafuuraa

Mirkaneessa Hafuuraa Hojiirra Oolchuu

Dubbisa 5 / 5

Gaaffiiwwan marii

  1. Yeroo fayyitan yookaan boodarra, ijoollee Waaqayyoo taʼuu keessan irratti mirkaneessa keessaa argattan tokko himaa.
  2. Maatii keessaa taʼuun karaa barbaachisaa kamiin ibsama?
  3. Ijoolleen yeroo guddatan maatii keessaa taʼuu isaanii yoo itti dhagaʼame yookaan yoo itti hin dhagaʼamin maaltu garaagara? Isin yookaan namni beektan maatii Waaqayyoo keessaa akka hin taane itti dhagaʼamee beekaa?
  4. Hafuurri Waaqayyoo akkamitti mirkaneessa akka fidu ibsaa.
  5. Isin yookaan namoonni biraa waaʼee mirkaneessa fayyinaa gaaffii akkamii qabdu?
  6. Namni tokko shakkii fayyina isaa irratti qabu akka hiiku akkamitti gargaarra?
  7. Sadarkaan mirkaneessa namaa guddina hafuuraa isaa irratti akkamitti dhiibbaa godha yookaan akkamitti mulʼisa?

Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu: yoo kan biraa jedhamee hin ibsamne, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa irraa fudhatamaniiru. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Caqasawwan kun eeyyama Creative Commons Attribution-ShareAlike 4.0 International jalatti fayyadama irra oolaniiru.