Jireenya Hafuura Keessatti! — Guutummaa Kiristoos Muuxachuu

Boqonnaa 6: Geggeessummaa Hafuuraa

Geggeessummaa Hafuuraa Hojiirra Oolchuu

Dubbisa 5 / 5

Gaaffiiwwan marii

  1. Dhimmoonni isin irratti hubannaa dabalataa Gooftaa biraa barbaaddan maal faʼi? Hubannaa addaa akkamii barbaaddu?
  2. Wanta Kitaabni Qulqulluun ifatti dhowwu, kan akka hiikkaa gaaʼelaa yookaan amanaan nama hin amanne fuudhuu yookaan heerumuu, irratti fedha Waaqayyoo barbaaduun sirrii dhaa? Maaliif?
  3. Muuxannoo qajeelfama Hafuura Qulqulluu ifatti keessatti argitan tokko qoodaa.
  4. Wanti tokko yookaan lama Gooftaan jireenya keessaniif ifatti barbaadu maali? Akkamitti hojjechaa akka jirtan yookaan akka hin hojjenne qoodaa.
  5. Hojii misiyoonummaatiif gumaachaa jirtuu? Ibsa kennaa.
  6. Waaqayyo akka nu kunuunsu dubbata. Yeroo hunda maal gochuu akka qabnu maaliif balʼinaan nutti hin himu?
  7. Kitaaba Ermiyaas dubbisaa; sabni Waaqayyoo yeroo meeqa gorsa Ermiyaas akka hin hordofne ilaalaa. Buʼaa isaan kanaan dhiphatanis yaadadhaa.
  8. Akkaataa Daawit dogoggora isaa irraa 2 Saamuʼeel 6 keessatti barate irraa hubannaa addaa akkamii arganna?

Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu: yoo kan biraa jedhamee hin ibsamne, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa irraa fudhatamaniiru. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Caqasawwan kun eeyyama Creative Commons Attribution-ShareAlike 4.0 International jalatti fayyadama irra oolaniiru.