
Boqonnaa 7: Hojii Qulqulleessuu Hafuuraa
Hojii Qulqulleessuu Hojiirra Oolchuu
Dubbisa 5 / 5
Gaaffiiwwan marii
- Amanaa dargaggeessaa fi amanaa bilchaataa gidduu garaagarummaan maali?
- Jecha “qulqulleessuu” jedhu hiikaa.
- Muuxannoowwan lama Hafuurri Waaqayyoo wanti tokko sirrii yookaan dogoggora taʼuu akka hubattan isin godhe qoodaa.
- Dhugumaan mana qulqullummaa isa Waaqayyo keessa jiraatu taʼuu keessan yaaddanii beektuu? Kun jireenya keessaniif maal argisiisa?
- Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaatti jireenya keessan keessa galchuu akkamitti mirkaneeffattu? Kun duraan akkamitti akka isin gargaare qoodaa.
- Fakkii ibiddaa ibsaa.
- Hafuurri Qulqulluun saba Isaa akkamitti akka qulqulleessu gabaabsaa.
Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu: yoo kan biraa jedhamee hin ibsamne, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa irraa fudhatamaniiru. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Caqasawwan kun eeyyama Creative Commons Attribution-ShareAlike 4.0 International jalatti fayyadama irra oolaniiru.
Barreeffama Ingiliffaa jalqabaa: Life in the Spirit! Experiencing the Fullness of Christ