
Boqonnaa 8: Hafuuraan Deddeebiʼuu
Hafuuraan Deddeebiʼuu Hojiirra Oolchuu
Dubbisa 5 / 5
Gaaffiiwwan marii
- Obsa, arjummaa fi kanneen biroo nu barbaachisan akka hin dhabneef Hafuurri Qulqulluun akkamitti humna nuuf kenna?
- Karaalee Hafuurri Waaqayyoo deddeebii dhuunfaa keessan irratti dhiibbaa godhu keessaa muraasa tarreessaa.
- Guyyaa guutuu Waaqayyo isin wajjin jiraachuu Isaa irraa faayidaan isin jaallattan tokko maali?
- Yeroo Hafuuraan utuu hin taʼin fooniin deddeebiʼuuf filattan keessaa yoo xinnaate fakkeenya tokko qoodaa. Maaltu taʼe? Hafuuraan deddeebiʼuuf filattanii utuu taʼee akkamitti adda taʼuu dandaʼa ture?
- Garaagarummaa Hafuuraan jiraachuu fi Hafuuraan deddeebiʼuu gidduu jiru akkamitti ibsitu (Galaatiyaa 5:25)?
- Ija Hafuuraa keessaa isa kam caalaatti qabaachuu barbaaddu? Maaliif?
- Ija Gaaffii 6 keessatti filattan ibsaa. Ija sana argachuuf gorsa, ajaja yookaan hubannoo akkamii Kitaabonni Qulqulluun kennu?
- Iji Hafuura Qulqulluu amalawwan uumamaa yookaan safuu gaarii wajjin walqabata jettanii yaadduu? Yoo walqabate, akkamitti?
Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu: yoo kan biraa jedhamee hin ibsamne, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa irraa fudhatamaniiru. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Caqasawwan kun eeyyama Creative Commons Attribution-ShareAlike 4.0 International jalatti fayyadama irra oolaniiru.
Barreeffama Ingiliffaa jalqabaa: Life in the Spirit! Experiencing the Fullness of Christ