
Boqonnaa 10: Barsiisa Hafuuraa
Barsiisa Hafuuraa Hojiirra Oolchuu
Dubbisa 5 / 5
Gaaffiiwwan marii
- Waaqayyo wantoota akkamii akka beeknu nu gargaara? Hafuura Qulqulluun akkamitti akka isin barsiise fakkeenya tokko kennaa.
- Dhugaan Waaqayyoo jireenya Kiristaanaa jabaatti jiraachuuf ifatti barbaachisaa dha. Hafuura Qulqulluun akka isin “yaadachiisuuf,” karaaleen yeroo hunda Dhugaa Isaa gara sammuu keessaniitti fiddan tokko tokko maal faʼi?
- Waadaan Waaqayyo warra ariʼatama keessa jiraniif gale, haalawwan isaanii rakkisoo taʼan irratti guutummaatti aangoo qabaachuu Isaa akkamitti agarsiisa?
- Fakkeenya imala tajaajilaa gara Hindii irraa, Waaqayyo “dubbachuu” Isaa ilaalchisee wanti barattan tokko maali?
- Bulchiinsi Yesuusii fi Hafuura Qulqulluun akkamitti walqabatu?
- Hafuura Waaqayyoo karaa inni waan tokko isin yookaan warra kaan “barsiise” yookaan “beeksise,” kanaanis isin yookaan warri kaan sirriitti akka jiraattan yookaan tajaajiltan gargaare keessaa muraasni maal faʼi?
Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu: yoo kan biraa jedhamee hin ibsamne, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa irraa fudhatamaniiru. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Caqasawwan kun eeyyama Creative Commons Attribution-ShareAlike 4.0 International jalatti fayyadama irra oolaniiru.
Barreeffama Ingiliffaa jalqabaa: Life in the Spirit! Experiencing the Fullness of Christ