
Boqonnaa 11: Dubbii Hafuuraa
Hafuura Barsiisaa Sobaa fi Dhugaa
Dubbisa 4 / 5
C. Hafuura Barsiisaa Sobaa
2 Pheexiros 2:1; 1 Yohannis 4:1–3
Seexanni akkuma Iddoo Biqiltuu Eeden keessatti godhe, shakkii sammuu dubbistootaa keessa kaaʼuu fi gorsa hamaa malaan qophaaʼeen isaan gowwoomsuudhaan yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo morma. Inni Hewwaan irratti (Uumama 3:1–5) fi Yesuus irratti (Maatewos 4:1–11) akkasuma godhe. Dhugummaa waan dhageenyu adda baasuuf karaa qabnu inni tokkichi waan dhageenyu Dubbii Waaqayyoo wajjin wal bira qabuudha.
Seexanni gahee isaa hin dhiisne; aangoo fi qajeelfama Dubbii Waaqayyoo akka shakkan gochuu dabalatee, namoota Waaqayyo irraa fageessuuf karaa dandaʼamu hundatti fayyadama. Namoonni Dubbii Waaqayyoo yeroo shakkan, dhumarratti Waaqayyo mataa Isaa shaku; Isa dhugumaan jaalala qabeessaa fi kunuunsaa taʼe amanachuunis isaanitti hin dandaʼamu. Kitaabni Qulqulluun dhiibbaa balaa qabeessa inni hamaan jechoota sobaa isaatiin bara dhumaa keessatti godhu baayʼee dubbata.
“Akkuma raajonni sobduun saba gidduu turan sana, barsiistonni sobduun isin gidduu ni jiraatu. Isaan Goofticha isaan fure sana gananii, barsiisa sobaa kan nama balleessu dhoksanii galchu; kanaanis badiisa ariifatu ofitti fidu.” (2 Pheexiros 2:1).
Raajota Hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman faallaa, amma raajota sobaa isa hamaan ergaa sobaa akka dabarsan kakaasu qabna. Raajonni sobaa fi barsiisonni sobaa jiru; garuu kaayyoon isaanii inni dhumaa tokko: wangeela dhugaa ifatti mormuudhaan barsiisa sobaa nama balleessu dhoksaadhaan galchuu. Yohannis hafuurota hamoo kana madda isaanii wajjin walqabsiisuudhaan caalaatti ibsa.
“Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru. Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti; hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.” (1 Yohannis 4:1–3).
Inni hamaan karaa Waaqayyoo fakkeessee soba. Hafuura Qulqulluu mannaa hafuura sobaa yookaan hafuura xuraaʼaatu jira (Luqaas 9:42; Hojii Ergamootaa 5:16; Mulʼata 18:2).

Hafuurri Waaqayyo Uumaa biraa dhufee Isaatiin geggeeffamu mannaa, hafuurri hamaan kun hafuura hamaa isa caalaa guddaa taʼeen, yookaan Seexana mataa isaatiin, geggeeffama. Sababii kanaaf Yohannis hafuurota “Waaqa biraa dhufuu isaanii qoraa” jedhe (1 Yohannis 4:1). Hafuurri Waaqa biraa dhufe—jechuunis Hafuurri Waaqayyoo—Yesuus Kiristoos fooniin dhufuu Isaa irra deebiʼee mirkaneessuudhaan wangeela ifatti dubbata. Humni mormituu Waaqa biraa hin dhufne jira; innis hafuura farra Kiristoos ti. Yeroo tokko hafuura kana foon uffatee namni “farra Kiristoos” jedhamu ni dhufa. Hafuurri kun namoonni farra Kiristoos akka hordofan, ergaa Kiristoos wangeela sobaatiin mormuuf yaala. Falmiin guguddaan harʼa jiru hundi—waaʼee barumsa jijjiirama tirannaa (evolution), jireenya daaʼima hin dhalatiniif falmuu, saala ofii filachuu yookaan waaqummaa Kiristoos ganuu—madda isaanii isa hamaa isa ergaa toʼachuu barbaadu keessatti argatu (Efesoon 6:12).
D. Hafuura Barsiisaa
Qolosaayis 3:16
“Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.” (Qolosaayis 3:16).
Harʼa illee Hafuurri Waaqayyoo sabni Isaa Kitaabota Qulqulluu akka dubbatan, amanan, fi abdatan isaan kakaasa. Kaayyoon isaa dhugaa beeksisuu fi sabni Waaqayyoo Isa akka beekaniif bilisa isaan baasuu dha. “Dubbiin Kiristoos” amantoota keessa baayʼinaan akkamitti akka jiraatu hubachuun, Hafuurri akka isaan guutuu fi itti fayyadamu kakaasuuf, akkasumas barsiisa sobaa adda baasuuf furtuu dha.
Kiristaanonni Hafuurri Waaqayyoo guutummaatti akka isaan guutuu fi geggeessuuf Dubbii Waaqayyootiin of ijaaruu qabu. Meeshaa tokko kalaquu fi qopheessuuf yeroo dheeraa itti kenninu yeroodhaaf yaadaa. Meeshaan sun kaayyoo keenya caalaatti buʼa qabeessa taʼeen akka raawwannu nu gargaaruu akka dandaʼu waan eeggannuuf, yeroo fi maallaqa itti baafna. Erga meeshaan sun uumamee booda itti fayyadamuu dandeenya. Dubbiin Waaqayyoo akka meeshaa kanaa ti; saba Waaqayyoo gidduu jiraatee isaan ijaara.
Cuunfaa
Hafuurri Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu uumuu keessatti gahee guddaa qaba ture; harʼas uumamaan nu ijaaruuf itti fayyadama. Amanaan sammuu duwwaa qabaachuu hin barbaadu; Hafuura Kiristoos karaa isaa guutummaatti akka jiraatuuf sammuu Kitaabota Qulqulluutiin guutame qabaachuu barbaada.
Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu: yoo kan biraa jedhamee hin ibsamne, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa irraa fudhatamaniiru. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Caqasawwan kun eeyyama Creative Commons Attribution-ShareAlike 4.0 International jalatti fayyadama irra oolaniiru.