Yaaddoo Moʼachuu — Nagaa Argachuu, Waaqayyoon Beekuu

Boqonnaa 6: Hidda Yaaddoo Balleessuu

Haleellaa Keessa Galuun, Riqicha Ceʼuu fi Lola Yerikoo

Namoonni yaaddoo isaanii keessaa baʼuuf yeroo dheeraaf baayʼee yaalaniiru; garuu milkaaʼinni isaanii baayʼee muraasa. Dhumarratti, yaaddoo jireenya isaanii keessaa guutummaatti balleessuu dandaʼuu irratti abdii kutatanii, isa wajjin jiraachuu baratu. Namoonni, “Ani akkanumaan uumame” jedhu. Nu keessaa hedduunis nama yaaddaʼu taʼuu keenya, akkasumas bara baraan akkasuma turuu keenya akka waan hin jijjiiramneetti fudhanneerra.

Nuti ni yaaddofna; garuu yaaddaʼuun dirqama keenya miti! Rakkoo kana furuuf maaltu nu dhowwa? Boqonnaan kun humna dhokataa yaaddoo fi dhiphina duuba jiru, isa isaan balleessuun maaliif akka ulfaatu godhu, ni mulʼisa. Lola beekamaa tokko—lola Yerikoo—fakkeenya godhannee qabsoo hamaa kana ni ilaalla.

Boqonnaa kana keessa yeroo deemnu kadhannoowwan hedduu ni argitu. Sababni isaa salphaa dha: lolawwan nu qunnamu keessaa baayʼeen isaanii lola hafuuraa ti. Qormaata moʼachuuf sammuu ifaa qabaachuuf gargaarsa Gooftaa nu barbaachisa. Hamma dhuma kitaaba kanaatti, kadhannaa keessan ofii keessanii dubbachuun isinitti akka salphatu abdii qabna! Ammaaf garuu kadhannaa fakkeenyaa kana ilaalaa:

Yaa Abbaa, rakkoowwan koo amantii dhabuu koo irraa maddu. Ani hin amanu. Yesuus ni amane; waan hundis isaaf ni dandaʼame. Ani garuu shakkii koo irraa kan kaʼe yeroo diinni na qunnamu billaa fi gaachana koo gadi nan buusa. Yaa Gooftaa, amma jechuun yaada lolaa deebisee jireenya koo keessatti dhaabuuf yeroo dha. Jireenya koo gidduutti humna kee mulʼisuuf yeroo dha. Cubbuu koo na irraa qulqulleessi; amantii dhabuu koo buqqisi. Sitti fi dhugaa keetti amantii naaf kenni; humna keetiin akka jabaadhu na gargaari. Maqaa Kiristoosiin nan kadhadha. Ameen.

Yaada yaaddessaa wajjin akkamitti loluuf karaa sadii qabaachuu keenya ni yaadattaa?

Haleellaa Keessa Galuun

Yaaddoo wajjin hojjechuuf karaan hundarra gaariin yeroo yaadni yaaddessaa jalqabu dafanii hubachuu dha.

Yaada yaaddessaa sirriitti yoo hin deebifne, boodarra isa balleessuuf yeroo fi humna baayʼee nu gaafata.

Yeroo tokko, daawwannaa haadha niitii koo bira ture dhuma irratti, maatiin keenya hundi dhukkuba vaayirasii fakkaatu tokkoon qabame. Mana keenyaatti deebiʼuu qabna ture; garuu baayʼee dhukkubsanneerra. Mana gaʼuun qofti lola ture. Yaadonni muraasni yaaddoo uuman sammuu koo guutan:

Ijoollee keenya saddeet nageenyaan, tasgabbii hamma tokko wajjin mana akka geessinuuf Waaqayyotti iyyine.

Guyyaa dinqiiwwan hedduu itti argine taʼe.

Ani yaaddaʼuu nan dandaʼa turee? Eeyyee! Garuu haalli sun harka Waaqayyoo keessa akka jiru nan beeke. Waaqayyo na hin gargaarre taanaan sammuu koo dhabuun dandaʼama ture. Konkolaachisaa otuun jiruu obsaan ala taʼee, xiyyeeffannoo dhabuu nan dandaʼa ture. Yookaan amantiidhaan deemuu mannaa, yaaddoodhaan achuma hafuu nan dandaʼa ture. Garuu ani yaaddoo keessatti lixuu mannaa yaada yaaddessaa hamaa kana dura dhaabadhee, haala rakkisaa kana keessatti Waaqayyo akka na gargaaru gaafadhe. Waaqayyo mana akka deebiʼu na barbaada jedhee natti dhagaʼame; garuu gufuuwwan guddaan, moʼuun hin dandaʼamne fakkaatan, nu dura turan.

Adeemsa guutuu keessatti yaaddoo irratti dammaqinaan lolu malee inni na moʼata jedhee nan hubadhe. Yaaddoo tokko tokko hiikuuf tarkaanfiiwwan ani keessa darbe keessaa muraasni armaan gadi.

Dhugaa Waaʼee Waaqayyoo Labsuu

Miirri koo maal iyyuu haa taʼu, Waaqayyo jaalalaan na kunuunsa. Ani fi maatiin koo gargaarsa Waaqayyoo fi amanamummaa Isaa irratti xiyyeeffachuu qabna turre. Dhugumaan, araara Isaa malee siree keessaa kaʼuu illee hin dandeenyu turre.

Dhugaa Waaʼee Dadhabina Keenya Himachuu

Haala kana ofumaan toʼachuu akka hin dandeenye beekuu qaba ture. Baayʼee dadhaboo waan turreef kana arguuf rakkina hin qabne! Imala saʼaatii 12 sanaaf akkuma yeroo hundaa ganama saʼaatii afuritti kaanee deemuu murteessuuf illee amantii xinnoo qofa qabna turre. “Akkuma kana dhukkubsannee deemuu barbaaduun koo maraatummaa dhaa?” jedheen of gaafadhe.

Dhugaa Waaʼee Haala Keenya Adda Baasuu

Waaqayyo na gargaaruu barbaada ture. Kana Kitaaba Qulqulluu irraa nan beeka; garuu haala keenya irraa kan kaʼe, Gooftaan maal akka barbaadu ittuma fufee qorachuu qaba ture. Gaaffiiwwan sammuu koo keessa deeman hunda irratti kadhadhee Isa gaafadhe.

Mana deebiʼuu qabna ture; garuu ni dandeenyaa? Guyyaa sana eessatti iyyuu dhukkubsataa turra. Konkolaataa keessatti dhukkubsachuunis mana keessa dhukkubsachuu irraa baayʼee adda hin taʼu. Garuu isaan baayʼee dhukkubsataniiru; imalli immoo isaan caalaatti hin miidhuu? Daandii gurguddaa irratti, bakka namni hin jirretti, mucaan tokko baayʼee dhukkubsate maal goona? Hoteela keessatti turuunis nuuf hin dandaʼamu. Imala yoo tursiise immoo ani illee dhukkubsadhee, warra nu keessummeessan guyyaa muraasa dabalataa rakkisuu dandaʼa.

Dhumarratti, Waaqayyo mana akka deebinuuf imala dinqisiisaa nuuf qopheesse. Ani hin yaaddofne; garaa koo keessatti nagaa guddaa qaba ture. Tarkaanfiiwwan kana keessa darbee, akkamitti yaaddoo koo balleessan arge. Dhugaa labsuuf ija jabina qabaachuun qofa na barbaachise—fakkeenyaaf, “Waaqayyo nu kunuunsa”—akkasumas amantiidhaan tarkaanfii fudhachuu—“Egaa nu kunuunsita waan taʼeef, ni deemna.”

Riqicha Ceʼuu

Gaaffiiwwan armaan gadii lamaan rakkoowwan murteessoo lama mulʼisu:

Namoonni hedduun rakkoowwan yaaddoon fidu ibsuu ni dandaʼu; garuu adeemsa yaaddoo balleessuu eenyutu nu barsiisuu dandaʼa? Dubbii Waaqayyoo keessatti dhugaa yaaddoo moʼachuuf nu gargaaru qabna.

Boqonnaawwan lama darban yaada yaaddessaa wajjin hojjechuu irratti xiyyeeffatan. Yaadni yaaddessaan qormaata; isa morminee dhiisuu qabna. Inni yaada keenya toʼachuu fi garaa keenya keessa seenuu yaala; kanaaf nu keessaa iddoo utuu hin qabatin dura isa diduu qabna. Kun jireenya keenya keessaa iddoo yaada keenya toʼachuu baruu qabnu keessaa tokko.

Garuu yeroo tokko tokko yaaddoon duraanuu garaa keenya keessatti hidda godhateera. Namoonni, “Ani akkanuma” jedhu. Yaaddoon kun garaa keenya keessa seenee achitti mana argateera; kanaaf akka keessummaa hin taaneetti isa ilaalla; akkasitti immoo namoota yeroo hunda yaaddaʼan taana. Garaa yaaddoo keessa jiru sirriitti ilaaluun yeroo isaa gaʼeera. Weerartoota kana jireenya keenya keessaa baasuu barachuu qabna.

Namoonni hedduun yaaddoo keessaa baʼuuf yeroo dheeraaf yaalanii milkaaʼuu dhabuun, yaaddoo balleessuun ni dandaʼama jedhu irratti abdii kutataniiru. Yaaddoo keenya maal akka taʼe yoo sirriitti hin hubanne, yookaan ilaalchi keenya gubbaa qofa irratti yoo dhaabbate, yaaddoo waggoota keessatti garaa keenya keessaa bakka qabate keessaa of baasuu hin dandeenyu. Boqonnaa kana keessatti yaaddoo jireenya keessan keessatti qubate, kan gaaʼela, fayyaa fi hariiroo biroo miidhuu dandaʼu, balleessuuf meeshaa isin barbaachisu ni barattu.

Rakkoo keessaa kutaan tokko, rakkoo sana sirriitti ilaaluu dhabuu keenya.

Maaltu Caalaatti Murteessaa Dha?

Mee yaadaa: konkolaataa tokko hojii irra oolchuuf qaama alaa moo motora isaa caalaatti murteessaa?

Deebiin isaa salphaa dha. Motorri caalaatti murteessaa dha. Motora malee konkolaataan iddoo isaa taaʼee turuu qofa dandaʼa. Ani konkolaataa dulloomee, qaama isaa keessaa karaa argu dandaʼamu keessa yaabbadheera; garuu ammas bakka ani dhaqaa turetti nageenyaan na geesse.

Garuu gaaffii kana utuu hin gaafatin, waan ijaan arginu qofa irratti hundaaʼuun konkolaataa sana bifa alaa isaatiin madaalla. Nama tokko, “Waaw, konkolaataa bareedaa kana ilaali!” jedhu dhageessee beektaa?

Yaaddoo keenya hubachuuf yeroo yaallu rakkoo wal fakkaatu qabna. Rakkoo ijaan nutti mulʼatu irratti qofa xiyyeeffanna—wanta yaaddofnu irratti. “Waan taʼuu dandaʼu sodaadha.” “Hojii koo dhabuu dandaʼa!” Rakkoowwan taʼuu dandaʼan kun rakkoo dhugaa hidda keessa jiru miti. Rakkoo yeroo ammaa taʼuu dandaʼu; garuu dhumarratti rakkoon ijoo isaan miti.

Hojii keenya dhabuu dandeenya. Atoobisii keessaa hafuu dandeenya. Nama nu jaallatu tokko illee dhabuu dandeenya. Waaʼee wantoota kanaa ni yaaddofna; garuu isaan hidda rakkoo miti. Akka rakkoo dhugaatti of dhiheessu; garuu akkas gochuudhaan rakkoo dhugaa dhoksu.

Fakkeenyaaf, nama tokkootti waaʼee wanta yaaddoftu yoo himte, yeruma sana furmaata hedduu siif tarreessa. Nu gargaaruuf fedhii qabaachuun isaanii gaarii dha; garuu yaaddoo dhugumaan moʼachuuf gargaarsa baayʼee hin kennan. Sababni isaas yaaddoon dhimma garaa ti. Namni yaaddoo keessa jiru yaada sirrii fi sababa irratti hundaaʼe illee dhagaʼuu dadhabuu dandaʼa.

Yaaddoo mataa isaa irratti xiyyeeffachuun keenya salphaa dha; akka qaama alaa konkolaataa, isa ijaan arginu waan taʼeef. Yaaddoon sun hidda isaa eessa akka jiru baruuf nu gargaaruu dandaʼa; garuu yaaddoo qofa ilaaluun rakkoo hin furu. Yaaddoo moʼachuu yoo barbaadne, maal akka isa sochoosu beekuu qabna. “Motora” isaa ilaaluun nu barbaachisa.

Kiristaanonni hedduun yaaddoon kutaa jireenya isaanii akka taʼe yaadu. Dhiphina yaaddoo irraa bilisa baʼuuf kanaan dura yaalanii, yeroo baayʼee kufanii booda isa wajjin jiraachuu barataniiru. Garuu yaaddoon rakkoo garaa gadi fagoo tokko mulʼisa; rakkoon sun sirreeffamuu dandaʼa, garuu yoo dhiifame ni hammaata. Dhugaa kana caqasni Kitaaba Qulqulluu kami ibsa?

Lola Yerikoo

Kitaaba Qulqulluu keessatti Waaqayyo lola akka namaatti hin lolu; karaa adda taʼeen lola.

Seenaa Iyyaasuu fi kufaatii Yerikoo, Iyyaasuu 6 keessatti argamu, haa yaadannu.

Yerikoon sababii Israaʼelootaatiif jabeeffamtee cufamtee turte. Namni tokko iyyuu gad hin baʼu; namni tokko iyyuu ol hin seenu ture. Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Kunoo ani mootii isheetii fi loltoota ishee wajjin Yerikoo dabarsee harka keetti kenneera. Hidhattoota hunda wajjin yeroo tokko magaalattii irra naannaʼaa; kanas bultii jaʼa hojjedhaa. Luboonni torbas malakata torba kanneen gaanfa hoolaa irraa hojjetaman qabatanii taabota dura haa deeman. Isinis guyyaa torbaffaatti yeroo torba magaalattii irra nanaannaʼaa; luboonnis malakata haa afuufan.” (Iyyaasuu 6:1–4)

Israaʼeloonni rakkoowwan guddoo yoo xiqqaate sadii yeroo tokkotti dura dhaabatan. Tokkoon tokkoon isaanii injifannoo dhabuu fiduu dandaʼa; kanaafis sodaa fi yaaddoo uumuuf gahaa ture.

Muuxannoo Dhabuu

Israaʼeloonni kanaan dura lola lolaniiru; garuu magaalaa akkas jabaattee eeggamtetti hin lolne. Magaaloonni yeroo sana daannoo namni keessa jiraatu turan. Yerikoon ittisa cimaa qabdi; Israaʼeloonni immoo meeshaa akkasii hin qaban.

Duubatti Deebiʼuuf Bakka Dhabuu

Loltoonni Israaʼel itti baqatan hin qaban. Injifannoo dhabuu tokkoon salphaatti abdii kutachuu dandaʼu. Laga Yordaanos duubatti deebiʼuuf isaan irraa cufe. Caalaatti, maatiin isaanii laga gamatti argaman diinaan yeroo kam iyyuu saaxilamuu dandaʼu.

Dandeettii Dhabuu

Magaalaawwan akkanaa akkamitti haleelan karoora hin qaban. Dallaa olkaʼina gara meetira 14 gaʼu diiguuf meeshaa hin qaban! Qorattoonni seenaa lafa keessaa akka agarsiisanitti, dallaa deggeraa olkaʼina meetira 3.5–4.5 irra dallaan dhoqqee irraa hojjetame furdina gara meetira 2 fi olkaʼina meetira 6–8 qabu ture. Kanaaf Israaʼeloonni dallaa lafa irraa gara meetira 14 ol kaʼu dura dhaabatan.

Waaqayyo lafa sanaa fi magaalattii isaaniif kenneera; garuu diina kana amansiisuun akka rakkoo ture! Waaqayyo jalqabatti gara magaalaa kanaatti isaan geesse, sababni isaas humna namaatiin Yerikoo moʼachuun hin dandaʼamu ture. Haala hin dandaʼamne fakkaatu keessatti Waaqayyoon amanachuu baruun, lola akkasii moʼachuuf mala jalqabaa ture. Of irratti hin hirkatinaa; Waaqayyo irratti hirkadhaa. Yeroo baayʼee ofumaan hojjechuu waan hin dandeenyeef baayʼee dhiphanna; gargaarsa Gooftaa nu barbaachisa. Mala addaa, qoricha, yookaan fedhii cimaa qofti hin hojjetu. Karaan jiru Gargaaraa keenya irratti hirkachuu qofa. Phaawulos nu yaadachiisa:

“Nu yoo fooniin jiraanne iyyuu akka yaada fooniitti hin lollu. Miʼi waraanaa kan nu ittiin lollu kan daʼannoo jigsuudhaaf humna Waaqaa qabuudha malee miʼa waraana foonii miti.” (2 Qorontos 10:3–4)

Nuti namoota qofa; meeshaawwan keenya humna namaa qofa keessa daangeffamu. Garuu daannoowwan akkasii moʼachuuf humna Waaqa irraa dhufu fayyadamna. Yaaddoon waan ofumaan toʼachuu hin dandeenye irratti akka xiyyeeffannu nu godha; kanaaf caqasni akkasii yaaddoo moʼachuuf lola keessa baayʼee nu gargaara. Amma kun hojii irra akkamitti akka oole gadi fageenyaan haa ilaallu.

Caqasawwan Kitaaba Qulqulluu: yoo kan biraa jedhamee hin ibsamne, Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa irraa fudhatamaniiru. Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Caqasawwan kun eeyyama Creative Commons Attribution-ShareAlike 4.0 International jalatti fayyadama irra oolaniiru.